Hin danda'amu namuma naan jedhun jibba

 


 Sooreessa Addunyaa 1ffaa Jeef Beezoons

Seenaa namicha Addunyaa kanarraa qabeenyan tokkoffaa yeroo ammaa kana Bill Gaten caale gabaabsen siif hima."Abbaa fi haati koo ijoolluummaatti wal fuudhan. Ani mucaa ol adeemoo lama irraa dhalatedha. Abbaan koo maatii bulchuuf gahaa hin turre. Haadha koo waliin wal fuudhanii gaafa ji'a 17 wal hiikan. Haati koo dabartee nama kan biraatti heerumte. Hamman of baretti abbaa ormaa jala rafaan ture.Booda baadiyyaa gara akaakkayyuu koo deemeen hojii qonnaa isa gargaaraa dirree magariisa keessa fiigee taphachaan guddadhe. Beellada sooruu fi wallaanuun immoo hojii koo idilee ture.

yeroon M/barumsaa sad.2ffaa baradhu mana 'Burgerii' keessatti qacarameen daabboo tolchaan ture. Tarii kun namoota kaniif hojii salphaa fi gad aanaa fakkaachuu danda'a;anaaf garuu koollejjii leenjii ture.Waantota hojjennuuf bakki nuti keessatti hojjennu akka ilaalcha namootatti tuffatamaa,xiqqaa fi kan waa'ee hin baafne ta'u malu;garuu yoo haalaan hubannee ilaalle waan hedduu nu barsiisu.Barataa cimaan ture yeroon yuuniversiitii seene muummee Fiiziksii na ga'e. Hojii humnaa hojjechaa waanan baradhuf qayyabachuuf carraa hin arganne.kanaaf gaaffii tokko deebisuuf waanti barattoonni daqiiqaa tokkotti xumuran anatti sa'aatii sadii fudhata ture. Kana irraa ka'uun ani hayyuu Fiiziksii ta'uu hin danda'u jedheen murteesse.

Kana booda yaada koo gara kompiiter saayinsiittin deebise. Kompiiteran ergan eebbifamee dhaabbata garagaraa keessa hojjedheera booda waanti kunis akka nan baafnen hubadhe.Yeroo sana internetiin akka addunyaatti fudhatama guddaa argachaa waan dhufeef akkamitti akkan itti fayyadamun yaade.yaadni xiqqaan tokkos na keessa bule.innis kitaabota 'online' gurguruu ture.Kun bara 1994 dha ture kitaaba kanas 'Amazon' jedhee moggaaseen eegale. Yeroon ani jalqabu namni jabaadhu gaariidha,si baasa nan jedhen jiru. Persentiin 70 ol kufaatii koo odeessu turan.ani isaaniin hin dhaggeeffanne. Gurri koo abjuu koo isa na keessaa waccu sana dhaggeeffata.hojichis ittuma fufe.

Bara 1999 dhaabbatni xiqqaan hin yaadamne kun galii miliyeenaraan doolara naaf galchutti ka'eBaruma sana nama dhiibbaa fide jedhameen badhaafameAmma immoo sooressa addunyaa 1ffaa dha.Ani waantota armaan gadii kana hin jaaladhu "hin dandeessu, hin kufta, hin milkooftu, Ulfaataadha"Kana mannaajabaadhu waantichi cimaadha ati garuu hin dandeessa.Itti fufi, yaali! cimi! Namoota naan jedhanan jaaladha".jedhi.

philosophy

"Addunyaa tanarra kitaabonni miliyoonan lakkaa'aman jiru; garuu kan Mikaa'el Neeyimaa 'The book of mirdad' akka kitaabota kaanii kan barraa'e otoo hin ta'in akka uumama jiraataa tokkootti ulfaa'ee kan dhalateedha" Oshoo Hardha abbaa dubbii qolaa (abbaa ciigoo) hiriyaa Kaalil Jibraan kan ta'e Mikaa'el Neeyimaan (Mishaa) waliin wal isin barsiisa.Kaalil Jibraan hiriyaa isaa abbaa sookoo fi soorgoo kana "Mishaa" jedheetu waama.Mikaa'el Neeyimaa bara 1889 ALAtti bakka hardha Libaanos jedhamee waamamu tulluu Saaninitti dhalate. Yeroo Ameerikaa turetti Kaalil Jibraan fi barreessitoota Arabaa biroo faana ta'uudhan Waldaa Barreessitootaa "Rabixa-al-qalamiya" jedhamu keessa taa'ee barreessaa ture.

Waldicha keessatti Kaalil Jibraan perezedaantii  waldichaa yoo ta'u Mishaan ammoo itti aanaa ta'ee hojjeteera. Bara 1931 Kaalil Jibraal boqochuu isaa hordofuudhan Mikaa'el Neeyimaan biyya Ameerikaa waggaa 21f keessa jiraate gadi lakkisee deemsa deebii hin qabneen gara biyya dhaloota isaa Libaanositti deebi'e. Neeyimaan sanaan booda jireenya isaa biyya Libaanositti dabarsuudhan hanga dhukkuba Sombaatin qabamee addunyaa kanarraa boqotuutti kitaabota hedduu barreessaa kan ture yoo ta'u bara 1988tti addunyaa kanarraa boqote.Kitaabota isaa hedduu keessaa bara 1948 Libaanos keessatti kan maxxansiise "The book of Mirdad" kan jedhu kitaaba baay'ee jaalatamee fi hundarra caalee argameedha. "Hojii Kaalil Jibraan keessaa kan baay'ee namatti tolu yoo jiraate "The prophet" yoo ta'u filannoo namoota baay'eeti. Cancaluma kanaan kitaabota Neeyimaa keessaa Miirdaadin kitaaba Kaalil kana yoo caaluu hanqate qixa isaa akka ta'e nama hin shakkisiisu" jedhu dinqisiifattoonni fi maatin Ogbarruu addunyaa.

OSHOO "Addunyaa tanarra kitaabonni miliyoonan lakkaa'aman jiru; garuu kan Mikaa'el Neeyimaa 'The book of mirdad' akka kitaabota kaanii kan barraa'e otoo hin ta'in akka uumama jiraataa tokkootti ulfaa'ee kan dhalateedha" Kitaaba Oshoon ajaa'ibsiifate kana keessaa beekumsa dhokataa kan qabu qabiyyee  #Jaalala jedhu waliin haa ilaallu; itti dhiyaadhaa!Egaa Jaalalli heera waaqati. Hiikan jiraachuu keessanii akka jaalala barattaniifidha.Kan jaalattanis jiraachuu akka dandeessaniifi. Ilma namaafis kanaan ala barumsi kamiyyuu hin feesisu. Kanaafuu..... Mee jaalachuu'n hoo maal yaa ta'ukaa?Jaalataan jaalatamaa jaalalaan harkisee lamaanuu akka tokko taa'an gochuufi malee Garuu... Maalin yookin eenyun yaa ta'u jaalachuun?Amma baala muka jireenyaa  keessa tokko kan onneen filattee irratti jaalala roobsu kan maluuf ni ta'aa?

........Garuummoo......

Baala sana kan baase dameen mukaahoo?

Hiddii muka sana qabatee hoo?

Baalli, dameen, hundeen, hidda mukaa kana hunda kan soore jalli mukahoo?

Jala isaa kan haammate biyyeenoo?

Biyyee kan misoomse biiftun hoo?

Gaalanni ..... Qileensihoo?

Isin garuu; 

'damee muka tokkoorrayyuu baalota lakkawamanii hin dhumnetu jiru

Tokko dhukubsataa tokkommoo fayyaa

Kaan bareedaa kaan immoo fokkisaa

Kaan guddaa gariin immoo xinnaa

Filataanii jaalachuun hin barbachisu yeroo jettanin dhaga'ee?'

Ani garuu akkasin isiniin jedha

Ennaa baalli dhukkubsataan cooliguudha baalli inni fayyaan haaromuun isaa kan eegalu

Kanaafuu akkasin isiniin jedha ani

Fokkisuummaan bareedinaaf gaachana duuba isaati.

Maadallii gabatee gurraacha isaati.... 

Halluu kuula dibaa isaati "

Share:

ONM ABO Ijjifannoo wbo

 

Hoogganaan Tigraay marii ifaa Keeniyaatti gaggeeffamuuf qophii ta'uu ibsan

Dursaan TPLF Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa'eel mootummaan isaanii marii ifaa mootummaan Keeniyaa eegaleef bakka buutota isaa erguuf qophii ta'uu xalayaa banaa dhaabbilee idila addunyaaf erganiin beeksisan.Dabratsiyoon kan kana dubbatan mariin dhoksaan mootummaa Itoophiyaa fi hooggantoota Tigraay gidduutti Aruushaa, Taanzaaniyaatti adeemaa jira gabaasni jedhu yeroo dhagaa'amettiidha.Hoogganaan Tigraay Dabrastiyoon ''qajeeltoowwan keenya faayidaaf booddeetti hi jennee dhoksaan waliigaltee raawwachuuf qophii miti'' jedhan.Xalayaan banaan hoogganaan Tigraay barreessanii guyyaa kaleessaa ba'e kun, barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaa, Gamtaa Afrikaa, miseensota Mana Maree Nageenyaa, ergamoota addaa gaanfaa Afrikaa fi Amerikaa ni eera.Xalayaa banaan oogganoota Tigraayiin barreeffame kun, yeroo mariin dhoksaan Tigiraayii fi koloneel Abiy gidduutti Taanzaaniyaa, Arushaatti adeemuuf jira jedhamee guungumametti ta'uun gaaffii kaasullee, akka Oromootti qabsoon Oromoo har'as ta'u duras qaama kamuu irratti kan hirkate akka hin taane beekuun Oromoon akka sabaatti waan barbaade argachuuf, akka gaanfa Afrikaatti dhiibbaa geessisuu fi addunyaan dirqamee dhimma Oromootiif akkasumas qabsoo Oromootiif akka gurraa qalbii kennu taasisuuf humnoomuun isa yeroo kamii iyyuu caalaa har'a murteessaa Abiyi Amhad dubbii tana Yeroo angoon isaa harkaa jirtu Keessattuu Oromoo fayyadamaa gohachuu qaba Karaa angoo fi siyaasin hatatu kara hundan Oromoo hammachuu qaba kun dhaamsa kootii.


Gadda Baay'ee nama riffachiisu!

Godina Walloo iddoo Farsii jadhamutti Garee Shoororkeessaa Faannoo ummata Oromoo Walloo Konkolaataa AZUZI guutuu iddoo tokkotti rasaasa itti roobsuun jumlaan ajjeesuu isaanii ragaan Viidiyoon bahe ni mirkaneessa! Gareen Shoororkeessaa Faannoo diigamee warri gocha suukkanneessaa kana raawwate too'annoo seeraa jala oolanii ija ummataa fuulduratti murtee argatan malee garee ilaacha akkasii Oromoof qabdu waliin biyya tokko himachuun abadan numa hin taane!


Ijjifannoo wbo

Gootichi W3O Zoonii Giddu Galaa Konyaa Kibba Lixa Shaggar, Roggee fi Jibaat irraa walitti dhufuun har'a (17/06/2022) ganama Waraana PP murna garboomfattuu magaala #_Kamsii_Biloo mandheeffattee jirtu haleeluun qawwee turkey 7 irraa hiikuun 15 ol ajjeesuun hedduu madeesseera. Kanarraa ka'uun waraana weerartuu birmannaaf kallattii afuriin deemaa jirtu keessaa kan kaampii #_Shananii fi Abboonnoo irraa kaatee deemtu eeguun Ona #_Jibaat Ganda #_Gaamoo_Jibaat keessatti dhukkee irraa kaasuun reeffan lafa tuuleera.Kanamalees guyyaa kaleessaa Lixa Shaggar Ona #_Dirree_Incinnii ganda #_Arfinjoo Dagaa keessatti Waraana murna PP duguuggaa sanyii Oromoorratti raawwataa jirtu osoo mana Ummataa gubuuf deemtu gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo (W3O)' dura goruun ari'ee qawwee 2 hidhannoo guutuu gachisiisee of duuba deebise.Yeroodhuma baqataa jirtu kanatti mana nama #_Bullooshee #_Damee jedhamu gubuun isarrattis reebicha ulfaataa raawwataniin qaama miidhamaa taasisanii darbanii jiru.Dheengaddas Ona Dirree Incinnii ganda Arfinjoo Dagaa keessatti osoo saamicha, ajjeechaa fi manaaf qabeenya Ummataa gubuuf deemtuu gootichi abdii sabaa gargar facaasuun garii ajjeesee garii madoon adabeera. Sanuma keessa miseensa Waraana PP kan ta'e tokko qawwee turkey 2 fudhachuun gara WBO tti makameera.

Mormiin hojii dhaabuu guutumaa Tuuniziyaatti deemaa jiru pireezidantiif yaaddesse.Mormiin Waldaa Hojjettootaa guddicha biyyatti, UGTT jedhamuun waamame kun, seera filannoo haaraa pireezidantiin biyyattii Kais Saied labsan dura dhaabbachuurratti kan xiyyeeffateedha. Jaarmiyaan kun miseensonni isaa miiliyoona tokko caalan guutuu biyyattii keessatti yeroo tokkoon akka hojii dhaaban ajajeera. Maallaqa lammiileef guyyuu kaffalamuu fi kan mootummaan deeggarsaan kennu hir'isuuf karoorri ba'e kanneen sababa mormii ta'an keessaati. Mootummaan Tuuniziyaa liqii doolaara biiliyoona 4 Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa irraa argachuun diinagdee biyyattii raafamaa jiru dandamachiisuuf uummatarraan dhiibbaa ga'aa jira jechuun komatu namoonni mormii kaasan kunneen.Sababa mormii kanaan balaliinsi gara Tuuniziyaatti, akkasumas Tuniziyaarraa gara biyyoota alaatti taasifamu adda citeera.

Barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Qabri Dahar Hiriirri Mormii guddaa dhoosaniiru!

Dhaadannoo isaanii keessa; 1, Barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Qabri Dahar irratti badii malee jumlaan ari'aman hatattamaan akka gara mooraa Yuunivarsiitiitti deebi'anii barnoota isaanii itti fufan gaafataniiru! 2, Ajjeechaa Jumlaa waraana Naannoo Gambeellaan Oromoo Gambeellaa keessa jiraatan irratti raawwatamaa jirtus balaalleffataniiru! 3, Hogganni University Qabri Dahar Barattoota Oromoo dabaan ariitan hatattamaan barnootti deebiftan malee nutiis haga barnoonni keenya nu biraa badii malee ari'aman hatattamaan barnootti deebi'anii barnoota adda muruuf dirqamnee jirra...., 4 Justices for Oromoo students, Stop Genocide Oromo peoples......., jachuun smma sagalee isaanii dhageesisaa jiru. Waliif qooduun sagalee ta'aaf!

Barattoota Oromoo 18 yeroo tokkotti Yuuniversiitii irraa badii malee ari'uun maal jachuudha?

Barattoota Oromoo 18 yeroo tokkotti Yuuniversiitii irraa badii malee ari'uun maal jachuudha? Yuuniversiitii Naannoo Somalee Yuuniversiitii Qabri Dahar Barattoota Oromoo 18 Welcome Barattoota irratti Walluu Yoosa Geetahun kan "Bulloo" jadhu dhageeffattan jachuun Barattoota kana erga hidhamanii booda. Yuuniversiitii irraa badii malee ari'uun gara maatiitti akka deebi'an godhaniiru! Murteen Yuuniversiitii badii malee Barattoota Oromoo irratti murteesse kun daba guddaadha. Akkasumaas yakka guddaadha. Hogganni Yuuniversiitii Dabri Dahar badii malee Barattoota kana hunda Barnoota irraa waan ariitaniif qoosaan akkasii hin hojjatu Barattoonni gara Yuuniversiitiitti deebi'anii barnoota isaanii akka hordofan godhaa! Qaamni dhimmi kun ilaalu hunda hatattamaan furmaata Barattoota kana kennuun Barattoonni kun Yuuniversiitiitti deebi'anii barnoota isaanii akka hordofaan godhuu qabu jannee gaafanna! Barreeffama kana Saffisaan Waliif Dabarsuun Barattoota Oromoo kanaaf sagalee ta'aaf!

haleellaa shororkeessummaa Burkinaa Faasootti raawwatame

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa haleellaa shororkeessummaa Burkinaa Faasootti raawwatame balaaleffatan.Dura taa’aan Koomishinii Gamtaa Afrikaa (AU) Muusaa Faakii Mahaamaat haleellaa shororkeessummaa Burkinaa Faasoo keessatti raawwatame balaaleffataniiru.Dura taa’aan kun tiwiitara isaanii irratti haleellaa shororkeesummaa Burkinaa Faasootti raawwatame balaaleffachuun maatii gadda irra gaheef, aangawoota, fi uummata Burkinaa Faasootiif jajjabina isaanii ibsaniiru.Mootummaan Burkinaa Faasoo Kibxata darbe akka ibsetti, dhuma torban darbee naannoo Burkinaa Faasoo Sahel komunii Seytenga irratti haleellaa raawwatameen lakkoofsi namoota du’anii 50 irraa gara 79tti ol guddachuu ibseera.Biyya Afriikaa Lixaa keessatti haleellaan namoota 1000 ol ta’an ajjeesuu fi namoota miiliyoona 1.9 ol ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaaniitiin bara 2015 irraa eegalee nageenyi Burkinaa Faasoo keessatti hammaateera

Badhaasa Muuziqaa Haacaaluu Hundeessaa

Badhaasni Muuziqaa Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 22, 2014 akka gaggeeffamuu Faawundeshiniin Haacaaluu Hundeessaa beeksise.Faawundeeshinichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.Haati Warraa fi Miseensi Boordii Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa Faantuu Damissee, guyyaa Artisti Haacaaluun boqotee eegalee hanga Bitootessa 22, 2014’tti muuziqaawwan Afaan Oromoon hojjetaman kan waliin dorqomsiisan ta’uu himaniiru.Walaloo, Ciniimaatoogiraafii gaarii, weellistoota dhiiraa fi dubartootaan muuziqaawwan hojjetaman dorgommichaaf kan dhiyaatan ta’uun eerameera.Dorgommichi waggaa waggaan Waxabajjii 22 walitti fufinsaan akka gaggeeffamu ibsichaan eeramuu DhPI gabaase.

Oolmaa Oromiyaa fi Gambeellaa guyyaa har'aa!
  • Wallagga Dambii Doolloo, Najjoo, Gimbiitti fi aanoota hedduu keessatti Operation haaraan gaggeeffamaa oole.
  • Daandii guddichi (Highway) Dambii Doolloo irraa kaasee Finfinnee geessu Hanga Naqamteetti harka W40 ooe jadha odeessi ummata irraa arganne.
  • Gambeellaa Magaalaa gudditti dabalatee Magaaloota baay'ee irratti lolli gaggeeffamaa oole. Magaaloonni hedduun harka hidhattoota harka galaniiru!
  • Magaaloota Godinaalee Wallagga keessa jiran keessaa guyyaa har'aa Poolisii Federaalaa baqqachaa jiraachuun illeen hawaasa irraa mirkaneeffanne jirra.
  • Akka amma odeessa amma nu dhaqqabetti Humni Poolisii Federaalaa kan ganama gara magaalaa guddittii Gambeellaatti fi'aman magaalattii harkatti galfatan jadhamaa jira.
  • Poolisii Federaalaa Wallaggatti dhukkeetu irra ka'e Gambeellaatti immoo Injifannoo galmeessan jadhamee himama jira!
  • Operation haaraan Oromiyaa keessatti eegale jabaatee itti fufa jadhamaa jira!
Sirni awwaalcha Weellisaa Daawwit Naggaa raawwatame

Sirni awwaalcha Weellisaa Daawwit Naggaa raawwatameSirni Awwalchaa Weellisaa Daawwit Naggaa, har’a mana Amantaa Kiristiyaanaa Kaateediraalii Sillaaseetti bakka maatiin, firoottaan, hiriyoonnii fi dinqisiifattoonni isaa argamanitti raawwatameera.Weellisaa Daawwit Naggaa guyyoota muraasa dura (Waxabajjii 5, 2014) dhibee tasaa isa mudateen umurii isaa waggaa 34tti du'aan addunyaa kanarraa boqochuun isaa kan yaadatamuudha.

Share:

Kabajamaa hiriyyaa gaarii duraanii

                             Kabajamaa hiriyyaa gaarii duraanii

Michuu kee isa guddaa dhabuun maal akka sitti dhagaʼamu namni dubbatu hin jiru. Nama dhufe irratti hiriyyaa guddaa dhabuu. kaleessa.Nama baay'ee itti amantu, hiriyyaa kee isa guddaatiin dugda waraanamuun gantamuun maal akka sitti dhaga'amu gonkumaa hin beektu. Waan tokko xumuri naan jechuu hin dandeessu. isheen hiriyyaa koo guddittiidha jechuu kooti isheen 'tu turte'  Waan baay'ee keessa darbine irra aannee oliif gadi buune abdii hin kutanne.Kanaaf waggaa hamaa 3 dabarsinee? Ani hin argadhu waanan si godhe  akkasii maluu hin argadhu egeree keenya hoo?

Ati na gante qofa miti, hiriyummaa keenya, waggoota waliin dabarsinee, egeree keenya, gurbaa kaleessa dhufeef abjuu keenya gante. Ati nu gante ani dhiifama siif godheera ati immoo gurbaa tokko tokko irratti akkas gochuu itti fufta kan yeroo hunda jireenya kee keessa seenu fi yeroo hunda hiriyummaa keenya akka ntg gadi darbadhu sababiin isaas  I'll always forgive u. Lakkii akkasitti hin milkaa'u. Dhiifama siif godhe sababiin isaas  forgivable miti garuu hiriyummaan keenya waan ati goote caalaa baayyee guddaa natti fakkaate.

Amma yoon barbaadellee dhiifama gochuu hin danda'u, dogoggora wal fakkaatu  yeroo hunda hojjettu dhiifama gochuu hin danda'u. Nama yeroo hunda hiriyummaa keenya osoon baraaruuf qofa yaalu balaadhaaf saaxilu dhiifama gochuu hin danda'u. Kana booda wal loluu hin danda'u. Hiriyummaa keessa kan jiru ana qofa fakkaata. Gama tokko qaba. Yoo gurbaan  narra filatte gonna protect, love and treat you better than I do jettee yaadde sana booda gaarii .garuu yeroo hin dhufne natti hin dhufin. Yaadannoo hundaaf galatoomi!

Share:

Bilisummaadhaan dhalatte.

      Bilisummaadhaan dhalatte.

Garuu guddinni kee sana akka dagattu si taasisa.Waan tokko irraa bilisa ta’uun bilisummaa dhugaa miti. Bilisummaan waan barbaadde hojjachuu fi waanan jedhu tokko miti. Mul'anni koo bilisummaa ofii ta'uudha.Waan tokko irraa bilisummaa argachuu miti. Kun bilisummaa miti, bilisummaa kee waan ta'eef. Waan tokkoon bilisa taate. Wanti nageenyi sitti dhagahamu ammallee bilisummaa keeti. Sanaaf itti gaafatamummaa qabda. Kana malee hin bilisoomtu.Bilisummaan waan barbaadde hojjechuu bilisummaa hin jedhamu, sababni isaas fedhiin waan tokko "godhuu" qalbii kee irraa waan dhufuuf. Ati gabricha qalbii ti.

Bilisummaan dhugaa beekumsa osoo hin yaadin irraa argama. Garuu bilisummaan yeroo filannoo hin qabne argannu waan tokko irratti hin hirkatu, waan tokko hojjachuu irratti hin hirkatu. Bilisummaan beekumsa osoo hin yaadin irraa argamu of ta'uu qofa.Atis keessa dhalatte waan ta’eef bilisummaan kun homaa irratti hin hundaa’u. Namni siif kennuus ta’e sirraa fudhachuu hin danda’u. Billaan qoma kee irraa kutuu danda'a, garuu bilisummaa kee irraa hin fudhatu.Jecha biraatiin, bu’uurri, wiirtuun ykn hundeen kee uumama uumamaa, jiraachuu kee keessa jira. Addunyaa alaa wajjin waan wal qabatu hin qabu.        

Itti makamuun ykn bilisa ta'uun addunyaa dhufu irratti hundaa'a. Bilisummaan gochaa addunyaa alaa irratti hundaa’a. Namni tokko guutummaatti qulqulluu ta’uuf addunyaa alaa irratti hirkatuu hin qabu.Bilisummaadhaan dhalatte. Garuu guddinni kee sana akka dagattu si taasisa.Bilisummaan kennaa hunda caaludha. Sababa bilisummaatiin daraaraan hedduun si keessa daraaru. Daraaraan bilisummaa yommuu daraaru jaalala ykn gara laafina ta'a. Wantoonni jireenyaa barbaachisoo ta’an hundi gara elementoota qulqulluu ta’anitti daraaru.

Kanaaf bilisummaa koolu galtummaa waliin wal qabsiise. Hanqinni nama ykn waan tokko waliin wal qabata. Bilisummaa wanta gochuu barbaaddu hojjechuu wajjin wal hin qabsiisin. Sababni isaas kun qalbii malee ati miti. Fedhiin ykn fedhiin ati waan tokko hojjechuuf qabdu waanjoo gabrummaa jala si galcha. Ani waa'ee bilisummaa, bilisummaa mataa isaa dubbachaa jira. Absolutely callisaa tasgabbaa'aa fi gammachuu guutuu.

Itti fufinsaan dagaagaa !!


Share:

Addunyaan Uumaa lama qabdi.

 Addunyaan Uumaa lama qabdi.
Ilaa addunyaan akkana! Uumaa lamatuu jira. Kan namaati fi kan Waaqaa. Uumaan addunyaa kanaa inni guddaan,Gurraachi garaa garbaa,Leemmoon garaa taliilaa,Tokkichi maqaa dhibbaa,Waaqa hundaa oliiti. Namnis uumama isaa keessaa tokko osoo ta’ee jiruu,wantoota akkaata Uuman guddichi uumerraa naannessuun(faallesuun) akka isaaf mijatutti uumee ittiin jiraata.Kuni ammoo yakkas,cubbuus ta’uu ni mala.                                  
Waaqni nama uume,namni saba uume,namni gosa(clan) uume,gosa kanas kaan hangafa,kaan quxxusuu,kaan cimaa,kaan laafaa,kaan cubbamaa,kaan eebbifamaa,kaan akka waan waaqa biraa gocha badii qabuutti wal arrabsaa,wal tuffachaa jiraata.Waaqni amantii(faith) uume,namni amantaa(religion) uume,kanaanis kan ofii nama gannati(waaqaa),kan ormaa balfuun kan azaabaa(seexanaa) taasisa.Waaqni keenya uume,namni kiyyaa uume. Akkanatti uumama qulqulluu booressee,booruu isaa kanas daakaa jiraata.Namni  bilisaan uumameet,bilisaan du’a,garuu addunyaa ofiif balleesse keessatti burjaaja’aa,wal dhamaasaa,garbummaadhaan jiraata.Uuman Waaqaa garuu ni daba malee hin badu.
Share:

Qabiyyee jaalalaa kutaa 2ffaa

                             Kutaa 2ffaa

"Jarana otuma ta'eeyyuu Isin marti keessaniyyuu muka jireenyati; kanaaf ofii keessan qoqqooduu irraa of eegaa. Firii firiirra; baala baalarra; damees dameerra hin caalchisinaa. Jirma hiddoota isaarra; mukicha biyyoo isa soorturraa adda baastanii hin jaalatinaa!Kunimmoo sirriidhumatti isa tokko tokkorra caalchisanii; baddu-haasayyuu adda baasanii gaafa jaallattan waan godhaniidha.

Eeyyeen isin hundumti keessanuu bakka tokkotti muka jireenyaati.Hojiin keessanis eessayyuu jira. Baallii fi dameewwan keessanis bakka hundumaa; firiiwwan keessanis afaan hundumaa keessa! Firiin muka sanarratti argamu kamiyyuu damees ta'u baalli kamiyyuu; hiddas ta'u iji kamiyyuu firiidhuma keessan; baaluma keessanii fi hidduma keessanidha.

Mukichi firii mi'aawaa fi urgaawaa ta'e yeroo isiniif kennu gaafa argitan; hundee jabaataafi lalisaa ta'uu isaa gaafa argitanMadda nadhii jireenyaa isa hiddoota muka sanaa soore caqasaa!Jaalalli nadhii jireenyaati. Jibbi ammoo malaa du'aati. Jaalalli garuu akkuma dhiigaa osoo hin danqaminii fi hin gufatin hidda jireenyaa keessa dhangala'uutu irra jiraata. 

Danqamuun yaa'insa marsaa dhiigaa akkuma dhukkuba ta'e; jibbis akkuma kana jaalala ukkaamfameedha. Summaa'uun jaalala ukkaamfamee ammoo isa jibbes isa jibbames ni summeessa.Baalli muka jireenyaa irratti cooligde tokko waan biraa taatee osoo hin taane baala jaalala saamamtedha. Kanaaf baalittii ishee cooligde hin komatinaa! Dameen foxxoqee mukicharraa ba'es damee jaalala beela'eedha. Damee isa foxxoqe sanas hin abaarinaa. Firii inni hadhaawaas waan biraa ta'ee osoo hin taane jibbi waan isa hadheessef hin ceepha'inaa.

Dhugaatti, nadhii jireenyaa, Suga jaalalaa namoota muraasaf roobsee warra kaaniin kan dhoowwate; kanumaanis ammoo isa of gane; isa jaame onnee keessan isa hiddu sana ceepha'aa.Of jaallachuun alatti jaalalli kan biraa hin jiru. Eenyummaan ofii warra kaan hin hirmaachisnes onaadha. Kanaafidha waaqnis hundumaaf jaalala kan inni ta'eef; sababni isaas sababa ofii isaa jaallatuufi.

Jaalalli yoo si dhukkubsachiise; jaalachuun gidiraa yoo sitti ta'e dhuguman sitti himaa..... hanga hardhaatti eenyummaankee inni dhugaa, furtuun jaalalaa inni   suni harkakee hin galle jechuudha. 

Eenyummaakee isa dhugaa sana sababa hin jaalanneef eenyummaakee isa du'ee badu waan jaalatteef akkuma kana jaalallikees kan du'ee badu taa'a.Jaalalli saala faallaa; dhiirri durba jaalachuun, durbi dhiira jaalachuun jaalala miti. Dhugaatti waamicha jaalalaa isa fagoo sanadha; isicha kan akkeessu sana. 

           Galatoomaa.

Share:

Qabiyyee jaalalaa

 "Addunyaa tanarra kitaabonni miliyoonan lakkaa'aman jiru; garuu kan Mikaa'el Neeyimaa 'The book of mirdad' akka kitaabota kaanii kan barraa'e otoo hin ta'in akka uumama jiraataa tokkootti ulfaa'ee kan dhalateedha" Oshoo

Hardha abbaa dubbii qolaa (abbaa ciigoo) hiriyaa Kaalil Jibraan kan ta'e Mikaa'el Neeyimaan (Mishaa) waliin wal isin barsiisa.

Kaalil Jibraan hiriyaa isaa abbaa sookoo fi soorgoo kana "Mishaa" jedheetu waama.

Mikaa'el Neeyimaa bara 1889 ALAtti bakka hardha Libaanos jedhamee waamamu tulluu Saaninitti dhalate. 

Yeroo Ameerikaa turetti Kaalil Jibraan fi barreessitoota Arabaa biroo faana ta'uudhan Waldaa Barreessitootaa "Rabixa-al-qalamiya" jedhamu keessa taa'ee barreessaa ture.

Waldicha keessatti Kaalil Jibraan perezedaantii  waldichaa yoo ta'u Mishaan ammoo itti aanaa ta'ee hojjeteera. Bara 1931 Kaalil Jibraal boqochuu isaa hordofuudhan Mikaa'el Neeyimaan biyya Ameerikaa waggaa 21f keessa jiraate gadi lakkisee deemsa deebii hin qabneen gara biyya dhaloota isaa Libaanositti deebi'e. 

Neeyimaan sanaan booda jireenya isaa biyya Libaanositti dabarsuudhan hanga dhukkuba Sombaatin qabamee addunyaa kanarraa boqotuutti kitaabota hedduu barreessaa kan ture yoo ta'u bara 1988tti addunyaa kanarraa boqote.

Kitaabota isaa hedduu keessaa bara 1948 Libaanos keessatti kan maxxansiise "The book of Mirdad" kan jedhu kitaaba baay'ee jaalatamee fi hundarra caalee argameedha.

"Hojii Kaalil Jibraan keessaa kan baay'ee namatti tolu yoo jiraate "The prophet" yoo ta'u filannoo namoota baay'eeti. Cancaluma kanaan kitaabota Neeyimaa keessaa Miirdaadin kitaaba Kaalil kana yoo caaluu hanqate qixa isaa akka ta'e nama hin shakkisiisu" jedhu dinqisiifattoonni fi maatin Ogbarruu addunyaa.

OSHOO "Addunyaa tanarra kitaabonni miliyoonan lakkaa'aman jiru; garuu kan Mikaa'el Neeyimaa 'The book of mirdad' akka kitaabota kaanii kan barraa'e otoo hin ta'in akka uumama jiraataa tokkootti ulfaa'ee kan dhalateedha" 

Kitaaba Oshoon ajaa'ibsiifate kana keessaa beekumsa dhokataa kan qabu qabiyyee  Jaalala jedhu waliin haa ilaallu; itti dhiyaadhaa!

Egaa 

Jaalalli heera waaqati. 

Hiikan jiraachuu keessanii akka jaalala barattaniifidha.

Kan jaalattanis jiraachuu akka dandeessaniifi. Ilma namaafis kanaan ala barumsi kamiyyuu hin feesisu. 

Kanaafuu..... Mee jaalachuu'n hoo maal yaa ta'ukaa?

Jaalataan jaalatamaa jaalalaan harkisee lamaanuu akka tokko taa'an gochuufi malee

Garuu... Maalin yookin eenyun yaa ta'u jaalachuun?

Amma baala muka jireenyaa  keessa tokko kan onneen filattee irratti jaalala roobsu kan maluuf ni ta'aa?


........Garuummoo......

Baala sana kan baase dameen mukaahoo?

Hiddii muka sana qabatee hoo?

Baalli, dameen, hundeen, hidda mukaa kana hunda kan soore jalli mukahoo?

Jala isaa kan haammate biyyeenoo?

Biyyee kan misoomse biiftun hoo?

Gaalanni ..... Qileensihoo?

Isin garuu; 

'damee muka tokkoorrayyuu baalota lakkawamanii hin dhumnetu jiru

Tokko dhukubsataa tokkommoo fayyaa

Kaan bareedaa kaan immoo fokkisaa

Kaan guddaa gariin immoo xinnaa

Filataanii jaalachuun hin barbachisu yeroo jettanin dhaga'ee?'

Ani garuu akkasin isiniin jedha

Ennaa baalli dhukkubsataan cooliguudha baalli inni fayyaan haaromuun isaa kan eegalu


Kanaafuu akkasin isiniin jedha ani

Fokkisuummaan bareedinaaf gaachana duuba isaati.

Maadallii gabatee gurraacha isaati.... 

Halluu kuula dibaa isaati "


Kutaa 2ffaan itti fufa!

Share:

Maalummaa bilisummaa


                 Bilisummaa

Fedhiin bilisummaa kee irratti hirkataa ta'uu fedhii ofii keetiif itti gaafatamummaa fudhachuu dhiisuu keeti.Guutummaatti bilisa ta’uuf hundeen gabrummaa wallaalummaa keenya keessa waan jiruuf hubannoo guutuu qabaachuu qabna. Waan nama kamirraayyuu fudhatamuu danda'u miti. Dammaqiinsa gara jabinaa keessa jiraachuu dandeessa. Garuu bilisummaa kee yoo ati dhiiste malee sirraa hin fudhatu.

 Duubatti deebinee yoo ilaalle, sun bilisummaa kee dhabuu jechuudha. Bilisummaa kee si dhowwuun fedhii ofii keetiif itti gaafatamummaa fudhachuu dhiisuudha.

By the way,namni tokko itti gaafatamummaa ofii fudhachuuf yeroo fedhii qabu guutummaatti akkas gochuun namatti hin tolu.Qoree fi qamadii of keessaa qaba. Mi'eessitoonni hundi walqixa dhufu. Rooziin qoree malee hin biqilu. Jireenyi wal faallessuun guutamtee jirti.

Namni bareedina, hadhaa, gammachuu fi gidiraa ofii isaatiif itti gaafatamummaa fudhachuuf fedhii qabu bilisa bahuu danda’a. Nama akkasii qofatu bilisa ta’uu danda’a.


Share:

Bilisummaa Goolii Dhaan


 

Haala akkasii keessatti maaltu godhamuu qaba? Waanti godhamu danda’u kan bu’aa hin qabne
fakkaata. Abbootiin irree heera fi seera, murtii nama seeraa fi yaada ummataa irra eejjetu.
Gochaa ajjeesuu, ukkamsuu, reebuun dararuu fi ukkaamsanii dhabamsiiu kanaaf ummatni falli
jiru goolii uumuu dhaan, meeshaa lolaan debii kennuu dha jedhee xumura taha. Warri miidhaan
aarsite wal ijaaree Abbaa Irruummaa haga funyaanitti hidhate meeshaa lolaa fi dandeetii waraana haga qabuun of irraa loluutti seena. Kun ammoo fafa isaaf qabaachuu hin hubatu taha. Namooti
akkasitti ka’an gootummaan lolanii wareegama lubbuu fi qaamaa hir’achuun irra gaheera taha.
Tarkaanfiilee boonsa galmeessan illee bilisummaa barbaadamu kan argamsiisan baayyee xiqqo
tahu. Diddaan meeshaa lolaan godhamu Abbaan irree gara jabinaan akka ummata caalaatti
miidhuu fi abdii kutachiisu godhuun deddeebi’ee mul’ateera.
Share:

Abbaa Irree Kallattin Kiphuu


Baroota as kaluu kana keessa Abbaan irree gosti fedhe iyyuu ummatni wal kakaasee yeroo dura
dhaabbatu oggaa caccaban agarree jirra. Abbootii Irree jaboo fi kan hin sochoone fakkaatan illee
diddaa ummataa qindaawe karaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa godhamu dura
dhaabbachuu hin danda’an.1980ta irraa kaasee ummatooti biyya Estonia, Latvia, Luthuania, Poland, Jarman Bahaa,Czechoslovakia, Slovenia, Madagaskar, Mali, Bolivia fi Philiphinnes diddaa karaa nagaa
adeemsisaniin abbootii irree caccabsanii jiru. Biyyoota akka Nepal, Zambia, South korea, Chile,
Argentina, Haiti, Brazil, Uruguay, Malawi, Thailand, Bulgaria, Hungary fi warra qaama Soviet
Union turan keessatti qabsoo dimokraateessuuf godhamuuf diddan karaa nagaa godhamu guddaa
gumaachee jira.
Itti dabalees diddaan siyaasaa Chayna, Burma fi Tibet keessatti dhiheenya kana mul’atee jira.1
Qabsoon biyyoota kana keessatti deeman akeeka isaanii rukutanii abbooti irree ykn mootummaa
hacuccuu buqqisuu baatan illee hammenya mootummaalee kanaa hawaasa addunyatti saaxiluu
duwwaa osoo hin taane ummaticha bu’aa qabsoon karaa nagaa maal akka tahe itti agarsiiseera.
Biyyootii olitti maqaan dhawame keessatti sirni Abbaan irree buqqifamuun rakkoolee hawaasaa:
hiyyummaa, yakka, xaxaa birokraasii, fi uumama naannoo mancaasuu haquu hin dandeenye.
Rakkooleen kun bulchinsa Abbaan irree irraa kan as dabranii dha. Abbaan irree kun buqqa’uun
yoo xiqqaate cunqursaa ummataa irra guddaa kaasee hawaasichi akka dimokraasii, bilisummaa
fi haqa ijaaruuf karaa saaqeera.
Share:

Recent Posts

Popular Posts

Powered by Blogger.

Ad Code

Facebook

Find Us On Facebook

Advertisement

Ads