"Addunyaa tanarra kitaabonni miliyoonan lakkaa'aman jiru; garuu kan Mikaa'el Neeyimaa 'The book of mirdad' akka kitaabota kaanii kan barraa'e otoo hin ta'in akka uumama jiraataa tokkootti ulfaa'ee kan dhalateedha" Oshoo
Hardha abbaa dubbii qolaa (abbaa ciigoo) hiriyaa Kaalil Jibraan kan ta'e Mikaa'el Neeyimaan (Mishaa) waliin wal isin barsiisa.
Kaalil Jibraan hiriyaa isaa abbaa sookoo fi soorgoo kana "Mishaa" jedheetu waama.
Mikaa'el Neeyimaa bara 1889 ALAtti bakka hardha Libaanos jedhamee waamamu tulluu Saaninitti dhalate.
Yeroo Ameerikaa turetti Kaalil Jibraan fi barreessitoota Arabaa biroo faana ta'uudhan Waldaa Barreessitootaa "Rabixa-al-qalamiya" jedhamu keessa taa'ee barreessaa ture.
Waldicha keessatti Kaalil Jibraan perezedaantii waldichaa yoo ta'u Mishaan ammoo itti aanaa ta'ee hojjeteera. Bara 1931 Kaalil Jibraal boqochuu isaa hordofuudhan Mikaa'el Neeyimaan biyya Ameerikaa waggaa 21f keessa jiraate gadi lakkisee deemsa deebii hin qabneen gara biyya dhaloota isaa Libaanositti deebi'e.
Neeyimaan sanaan booda jireenya isaa biyya Libaanositti dabarsuudhan hanga dhukkuba Sombaatin qabamee addunyaa kanarraa boqotuutti kitaabota hedduu barreessaa kan ture yoo ta'u bara 1988tti addunyaa kanarraa boqote.
Kitaabota isaa hedduu keessaa bara 1948 Libaanos keessatti kan maxxansiise "The book of Mirdad" kan jedhu kitaaba baay'ee jaalatamee fi hundarra caalee argameedha.
"Hojii Kaalil Jibraan keessaa kan baay'ee namatti tolu yoo jiraate "The prophet" yoo ta'u filannoo namoota baay'eeti. Cancaluma kanaan kitaabota Neeyimaa keessaa Miirdaadin kitaaba Kaalil kana yoo caaluu hanqate qixa isaa akka ta'e nama hin shakkisiisu" jedhu dinqisiifattoonni fi maatin Ogbarruu addunyaa.
OSHOO "Addunyaa tanarra kitaabonni miliyoonan lakkaa'aman jiru; garuu kan Mikaa'el Neeyimaa 'The book of mirdad' akka kitaabota kaanii kan barraa'e otoo hin ta'in akka uumama jiraataa tokkootti ulfaa'ee kan dhalateedha"
Kitaaba Oshoon ajaa'ibsiifate kana keessaa beekumsa dhokataa kan qabu qabiyyee Jaalala jedhu waliin haa ilaallu; itti dhiyaadhaa!
Egaa
Jaalalli heera waaqati.
Hiikan jiraachuu keessanii akka jaalala barattaniifidha.
Kan jaalattanis jiraachuu akka dandeessaniifi. Ilma namaafis kanaan ala barumsi kamiyyuu hin feesisu.
Kanaafuu..... Mee jaalachuu'n hoo maal yaa ta'ukaa?
Jaalataan jaalatamaa jaalalaan harkisee lamaanuu akka tokko taa'an gochuufi malee
Garuu... Maalin yookin eenyun yaa ta'u jaalachuun?
Amma baala muka jireenyaa keessa tokko kan onneen filattee irratti jaalala roobsu kan maluuf ni ta'aa?
........Garuummoo......
Baala sana kan baase dameen mukaahoo?
Hiddii muka sana qabatee hoo?
Baalli, dameen, hundeen, hidda mukaa kana hunda kan soore jalli mukahoo?
Jala isaa kan haammate biyyeenoo?
Biyyee kan misoomse biiftun hoo?
Gaalanni ..... Qileensihoo?
Isin garuu;
'damee muka tokkoorrayyuu baalota lakkawamanii hin dhumnetu jiru
Tokko dhukubsataa tokkommoo fayyaa
Kaan bareedaa kaan immoo fokkisaa
Kaan guddaa gariin immoo xinnaa
Filataanii jaalachuun hin barbachisu yeroo jettanin dhaga'ee?'
Ani garuu akkasin isiniin jedha
Ennaa baalli dhukkubsataan cooliguudha baalli inni fayyaan haaromuun isaa kan eegalu
Kanaafuu akkasin isiniin jedha ani
Fokkisuummaan bareedinaaf gaachana duuba isaati.
Maadallii gabatee gurraacha isaati....
Halluu kuula dibaa isaati "
Kutaa 2ffaan itti fufa!
No comments:
Post a Comment